Saúde
A saúde é uma bênção de Deus. A Bíblia ensina que Deus é nosso curador, que devemos cuidar do corpo como templo do Espírito e que a alegria do Senhor renova nossas forças.
Deus, o nosso curador
O Senhor é quem sara todas as nossas doenças. Ele prometeu abençoar o pão e a água e tirar as enfermidades do meio do seu povo.
Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha’a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa.
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
Dhibamaa fayyisa’a, du’aa kaasa’a, worra dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru fayyisa’a, durriisota baasa’a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna’a.
Yesuus yennaa kana dhage’e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi’iif cidheessa hin barbaachisu.
O corpo como templo
Nosso corpo é templo do Espírito Santo. A Bíblia nos encoraja a cuidar da saúde física com disciplina e reverência a Deus.
Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.
Nafa jajjabeessu’uuf ifi leenjisuun bu’aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le’iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le’ii ammaatii fi ta dhuttulle’eef addii waan qabuuf karaa maraan bu’aa qaba.
Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si’iif tolu hin daadimadha.
«Ani qaro’o!» ifiin hin jedhin;
Mootii Waan Maraa sodaadhu;
waan hantuu irraa fagaadhu.
Kun nafa keetiif fayyaa,
lafee teetiifille jabeenna hin te’a.
A alegria que cura
O coração alegre é bom remédio. A esperança do coração traz alegria, e as palavras agradáveis são como favo de mel — doçura para a alma e saúde para o corpo.
Gadhaan gammadu akka qorsa dansa’aa ti;
yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti;
namatti mi’ootti;
lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;
halchaan muummotte ammoo
midhaan muka jiru’uu ti.
Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma’aa fi jabeenni bu’aa hin qaddu.