Seguir a Jesus
Seguir a Jesus é o convite mais transformador da Bíblia. Jesus chamou pescadores, cobradores de impostos e pessoas comuns para deixar tudo e segui-lo. Esse chamado continua vivo hoje.
O chamado de Jesus
Jesus disse: 'Segue-me'. Esse convite simples e poderoso mudou a vida de pescadores, publicanos e pessoas comuns ao longo da história.
Yesuus isaaniin, «Na hordofa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane.
Yesuus Maatewoos Waame
Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee’eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
Innille ol ka’ee isa hordofe.
Yesuus Filiphoosii fi Naataanaa’el Waame
Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen.
Jara Sadiin Yesuus Hordofiisaaf Barbaadde Takka
Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe. Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedhe.
Nama dhibi’iin, «Na hordofi» jedhe.
Nami sun ammoo, «Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam» jedhe.
Yesuus deebisee, «Du’aan du’aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi» jedhe.
Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta’a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe. Yesuus isaan, «Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te’u» jedhe.
O custo do discipulado
Seguir a Jesus exige renúncia. É preciso tomar a cruz diariamente, deixar tudo para trás e amar a Cristo acima de qualquer outro vínculo.
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba’atee na hordofuu ti.
«Nami gara kiyya dhufu, abba’aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te’e, barataa kiyya te’iisaaf hin dande’u. Fannoo ifii ba’atee ka na hin hordonne, barataa kiyya te’iisaaf hin dande’u.
Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen.
Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise, lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle’ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle’etti jiruu bara baraa hin qabaata. Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te’an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te’an» jedhe.
Caminhar com Cristo
Quem segue a Jesus não anda em trevas, mas tem a luz da vida. Ele nos convida a crescer nele e a servir como Ele serviu.
Yesuus Ifa Biyya Lafaa Ti
Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru’uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.
Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.
Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te’e. Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne.
Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te’ee, karaa maraan guddanna.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seera kiyyaaf ajajama’a; seerata kiyyalle ifi eegadha’aa hordofa’a.