Publicidade

Servir

Por Bíblia Online

Servir é o coração do evangelho. Jesus não veio para ser servido, mas para servir. O cristão é chamado a seguir esse exemplo, colocando-se a serviço de Deus e do próximo.

O exemplo de Jesus

Cristo é o modelo supremo de serviço. Ele lavou os pés dos discípulos e deu a própria vida como resgate por muitos.

Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.

Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu’uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne» jedhe.

Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te’uu fedhu tajaajilaa keessan te’uu ti; akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te’uu fedhu garbicha keessan te’uu ti;

Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan.

Yesuus tee’een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te’iisaaf barbaadu, gadee namaa te’ee, tajaajilaa nama maraa te’uu ti» jedhe.

Servindo ao Senhor

Servir a Deus é um privilégio e uma ordenança. Devemos amá-lo de todo coração e servi-lo com alegria e fidelidade.

Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.

Seeraa fi ajaja Muuseen tajaajilaan Waaqaa isiniif kenne ifi eegganna’aan muummessa’a: Waaqa Goottaa keessan jaaladha’a; fedha isaa muummessa’a; ajaja isaa eegadha’a; isaaf addatama’a; gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuun teessan takkatti’iin isa tajaajila’a» jedhe.

Waaqa Sodaadhu

Ammalle, ee Israa’el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti’iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada? Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada?

Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.

Jabaadha’aa huja’a malee, gadhee hin te’inaa. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila’a.

dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du’atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!

Servir ao próximo

A liberdade cristã nos chama a servir uns aos outros pelo amor. Cada dom recebido é para edificação do corpo de Cristo.

Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma’aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila’a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu’uu hin godhatina’a!

Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te’aatii le’aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu’uu hin godhatina’a.

Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.

Waaqaa Fi Qabeenna Namaa

Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te’iisaaf hin dande’u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese’eef tajaajiluu hin dande’u» jedhe.

Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu’uu gootanee cubbu’uuf hin dhikeessina’a; ammoo akka worra du’a keessaa bayee gara jiru’uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa’a; nafa keessan duudii meya balchumma’aa godha’aatii Waaqaaf dhikeessa’a.

Fidelidade e recompensa

O servo fiel e sábio será recompensado pelo Senhor. A fidelidade no serviço honra a Deus e produz frutos eternos.

Goottaan isaa, Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!jedheen.

Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha’aa dhaabbadha’a. Waan tokkolle’een hin daaqina’a. Hujii Gootta’aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te’in beeka’aatii, yennaa mara hujii Gootta’aa hujiisaaf jabaadha’a.

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Mootiin Waan Maraa

karaa namaatitti yennaa gammade,

karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.

Mootiin Waan Maraa

jiruu tajaajiltoota ifii hin woda;

worra gara isaa baqatu keessaa

tokkolle’etti yakkaan itti hin murantu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-