Sexo
A Bíblia trata a sexualidade como um presente de Deus para o contexto do casamento. As Escrituras celebram a intimidade conjugal e orientam sobre pureza e santidade sexual.
A sexualidade no plano de Deus
Desde a criação, Deus projetou a intimidade sexual como expressão de amor entre marido e mulher, abençoando a união conjugal.
Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade. Waaqi, «Hora’a, heddadha’a, lafa guuta’a, harkatti isii galfadha’a! Qurxummii abbaaya’aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te’an. Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
A santidade na intimidade
O leito conjugal é honroso. A Bíblia celebra a alegria da intimidade dentro do casamento e orienta o casal ao amor e respeito mútuo.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma’aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma’aa hin dhooggatin. Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi’ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi’ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti.
Ifi qabatiisa yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya.
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle’een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha’a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina’a.
Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te’e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu’uu godhuu qabaa? Ijjumaa te’uu hin qabu! Nami dubartii sagaagaltitti’iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi’iitiin tokko akka te’e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te’an» jedha. Nami Gootta’atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te’a.
Pureza sexual
Deus nos chama à santificação e à fuga da imoralidade. O corpo do cristão é templo do Espírito Santo e deve ser tratado com honra.
Sagaagalummaa irraa fagaadha’a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja. Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.
Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.
Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te’uu lakkisiitii, oduunuu dhage’amuu hin qaddu.
Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha’aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
Akka kolbaa ifa guyya’aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu’uun yookiin machi’iin, sagaagalaan yookiin fariisa’aan, lolaan yookiin hinaaffa’aan hin te’in.
«Hin gaarayyeeffatin;
« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin. Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin. Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin. Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi’ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin. Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin. Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin. Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin. Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha teetii bira hin geyin. Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin. Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin. Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin. Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi’ii waan te’aneef, intala isi’ii yookiin intala ilma isi’ii yookiin intala intala isi’ii bira hin geyin; tun waan hantu’u. Haga niitiin teeti lubbu’uun jirtu obboleettii isi’ii fuutee masaanuu isi’ii hin tolchin; isii biralle hin geyin.
« ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin. Niitii nama dhibi’ii bira geettee ifi hin batteessin. Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin. Waan battii waan te’eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin.
« ‹Waan battii waan te’eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin.
Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole’e; ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du’uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane.
Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma’aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.
Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada’aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane.