Sofrimento
O sofrimento é uma realidade da vida neste mundo, mas a Bíblia revela que Deus está presente em toda dor, produzindo caráter, esperança e redenção através das tribulações.
O sofrimento de Cristo
Jesus sofreu por nós, carregando nossas dores e enfermidades. Ele é o modelo supremo de como enfrentar o sofrimento com fé e obediência.
Inni nama namooti jibbanee tuffatane;
inni nama dhibee guddo’oo fi rakkoo guddoo qabu.
Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;
inni nama tuffatame;
nuutille ulfinna isaaf hin kennine.
«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba’ate.
Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, dameelee qore’eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane.
Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te’e.
Ani Kiristoosii fi hunna du’aa ka’a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu’uu fi du’alle’een isa fakkaatuu barbaada.
O propósito do sofrimento
Deus usa as tribulações para produzir perseverança, caráter e esperança. O sofrimento presente não se compara com a glória que será revelada.
Tana qofaan adoo hin te’in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi jajna. Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida.
Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu’uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande’annetti ani laakkowa.
Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti.
Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.
Carraa Kiristoositti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te’in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera.
Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha’a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera.
Consolação e companhia
Deus consola os aflitos para que possamos consolar outros. Nunca estamos sozinhos no sofrimento — Ele é o Pai das misericórdias.
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
Rakkoon balcha’aa baca’a;
Mootiin Waan Maraa ammoo
waan mara keessaa isa hin baasa.
Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi’ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.
Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina’a; hin raafaminaalle’e.
Fé em meio à dor
Os grandes homens e mulheres de fé sofreram e perseveraram. O sofrimento nos aproxima de Deus e nos leva a entender seu coração.
Achiin duuba Iyoob ol ka’ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du’ulle qullaa tiyya deebi’ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.
«Nami Waaqi xixu ka gammade!
Tanaaf xixicha Waaqa
waan mara dande’uu hin tuffatin.
Nami fannoo ifii ba’atee na hin hordonne naaf ka malee moti.
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago’otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe’a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne’ee naa ergi› jedhee waammate.
Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le’uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.
Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko’oo moo farra? Miidha’a moo beela? Daara moo bala’a? Yookiin du’aa ree?
Waan qabu mara hiyyeeyyi’iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa’aa fi guddaa duudi’iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te’a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du’aa ka’iisaan ka jalqabaa te’ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa’eliitii fi worra Yihudoota hin te’iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.
Nama maraa woliin nageyaan le’a! Woyyumma’aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma’aan le’iisaaf jabaadha’a.