Publicidade

Temor do Senhor

Por Bíblia Online

O temor do Senhor é o princípio da sabedoria. Não se trata de medo, mas de reverência profunda, respeito e admiração diante da santidade e grandeza de Deus.

O princípio da sabedoria

A Escritura afirma que temer ao Senhor é o primeiro passo para a verdadeira sabedoria. Quem teme a Deus discerne o certo e aprende a viver com prudência.

Qarummaan jalqabaa

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;

kolbaan haga bara baraa

Mootii Waan Maraa saadatu’uu malte.

Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.

Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;

ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.

Achiin duuba inni namaan,

‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma’a;

waan hantuu irraa goriisille hubanti’i› jedhe» jedhe.

Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha;

yaadi kun haga bara baraa jiraata.

Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga’a;

isiin yennaa mara haqa.

Worqii gatii guddo’oo caalaa,

worqii baqisiisanee qulleessane caala’aayyuu gatii qaddi.

Damma caalaa,

nadhii dammaa caalaa mi’ootti.

Ani tajaajilaan keeti isi’iin gorfama;

isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha.

Bênçãos do temor

Quem teme ao Senhor encontra vida longa, provisão e proteção. O temor de Deus nos guarda do mal e nos conduz à humildade.

Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis

karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.

Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa;

woggaan nama hama’aa ammoo gabaaddu’u.

Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru’uu ti;

tiyyoo du’aa irraa nama deebisa.

Jaalalaa fi addatamumma’aan

nama yakkeef araarri godhama;

Mootii Waan Maraa sodaatiisaan

nami waan hantuu irraa fagaata.

Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu

ka gammade;

nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.

Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te’e

qorqora’aatii ilaala’a;

nami isatti baqatu ka gammade.

Worri Mootii Waan Maraa sodaatu

womaa waan hin dhanneef,

isin worri isaaf woyyoontane,

Mootii Waan Maraa sodaadha’a.

Vivendo no temor do Senhor

Temer ao Senhor é obedecer seus mandamentos, andar em seus caminhos e amá-lo de todo coração. Essa reverência se expressa em justiça e integridade.

Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.

Karaa isaa irra deemiisaan, isa sodaatiisalle’een, ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii mara eegadhu.

Sodaa guddo’oon Mootii Waan Maraa tajaajila’a.

Rommiisaan isaaf ajajama’a.

Ee ijoolle! Gara kiyya kowa’aatii, na caqasa’a;

ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa.

Ka jiruu jaalatu,

waan dansaa dhaggiisaafille

bara hedduu ka halchu eennu?

Arraba keeti waan hantuu irraa,

hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.

Waan hantuu irraa fagaadhuutii,

waan dansaa godhi;

nageya barbaadiitii,

gula deemi.

Ammalle Mootii Waan Maraa sodaatiis isin bira jiraattuu ti. Haqa balleessuun yookiin nama wol caalchisuun yookiin safuu fudhachuun Mootii Waan Maraa Waaqa keenna bira waan hin jirreef, waan hujjanu maraaf ifi eegadha’a» jedhe.

Ani Mootii Waan Maraa ti; ana Waaqa keeti sodaadhu malee, nama gurra duuda’aa hin abaarina’a yookiin nama ballaa dura gufuu hin keyina’a.

Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te’eef, ana Waaqa keessan sodaadha’a malee, wol hin dagina’a.

Liqaa Hiyyeessaaf Kennuu

« ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee ifi qarqaariisa yoo dadhabe, akka inni odduu teessan le’iisa dande’u, akkuma nama alaga’aatii fi nama yenna’aaf odduu teessan jiru qarqaartanu isa qarqaara’a. Isin ammoo ana Mootii Waan Maraa keessan sodaadha’a; akka inni odduu teessan le’uuf, waan tokkolle dhalaan isa irraa hin fudhatina’a.

Ka Sodaatamu’uuf Male

«Jaalota tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina’a. Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha’a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha’a!

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-