Sobre ter filhos
Filhos são uma dádiva do Senhor, uma herança que Deus confia aos pais. A Bíblia celebra a maternidade e a paternidade como vocações sagradas e fontes de bênção.
Filhos: herança do Senhor
A Escritura declara que os filhos são bênção de Deus. Cada criança é um presente precioso confiado aos pais para ser cuidado com amor.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.
Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni’ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
Maseentittiin haadha ijoolle’ee teetee,
gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;
Mootii Waan Maraa leellisa’a.
Waaqi, «Hora’a, heddadha’a, lafa guuta’a, harkatti isii galfadha’a! Qurxummii abbaaya’aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
Instruir nos caminhos de Deus
A Bíblia orienta os pais a instruir seus filhos nos caminhos do Senhor desde cedo, com dedicação, disciplina e exemplo.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha’a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha’a; adda keessan irralle’etti keyadha’a. Ijoollee teessanille barsiisa’a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
Ijoollee teeti adabi;
isaan foora si’iif hin kennan;
gadhaa keetille hin gammachiisan.
Cada vida é preciosa
Deus conhece e forma cada criança no ventre. Antes de nascer, Ele já nos separou e preparou um propósito para cada vida.
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Diinota keeti loliisaaf,
nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf,
afaan ijoolle’eetii fi daa’immaan harma hootuutiin,
hunna qopheessite.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.