Tristeza
A tristeza faz parte da experiência humana, mas a Bíblia nos assegura que Deus está perto dos que sofrem. Ele enxuga as lágrimas e transforma a dor em esperança.
Deus consola os aflitos
O Senhor está perto dos quebrantados de coração. Mesmo no vale mais escuro, sua presença é refúgio e consolo para a alma que chora.
Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu,
Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage’a;
inni rakkinna isaanii mara keessaa
isaan hin baasa.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
worra ballaa ila bana.
Worra gad jedhe ol qaba;
worra balchaa jaalata.
Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta;
aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
«Deebi’iitii Hisqiyaasii kolbaa tiyya sooressuun, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage’eera; imimmaan teetille dhaggeera. Ani si hin fayyisa; guyyaa sadeesso’oo gara Galma Mootii Waan Maraa ol hin baata;
A alegria virá
A dor tem prazo de validade. A manhã de alegria sempre vem depois da noite de choro. Deus promete transformar o luto em dança.
Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;
tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara.
Halkan bowaa yoo bulane,
ganama ammoo ililleessi hin te’a.
Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Haganaa achi hin beelowanu; deebi’aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o’i finiinaalle isaan hin gubu. Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma’aa jiru tissee isaanii hin te’a; gara madda bisaan jiru’uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.
gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
Entregando a dor a Deus
Podemos lançar sobre o Senhor toda nossa ansiedade e tristeza, porque Ele cuida de nós com ternura e não nos abandona.
Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Worra gammadu woliin gammada’a; worra bowu woliin bowa’a.
O choro e o arrependimento
Há tristezas que produzem arrependimento e conduzem à vida. O choro diante de Deus é acolhido e transformado em bênção.
Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan,
laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi’a’a!» jedha.
Muki woyni’iitii fi harru’uu qooreera;
muki rumaani’ii, muki meexxi’iitii fi appilii,
muki ficha’aa duudiin gogeera;
gammadi ilmaan namaa badeera.
Achiin duuba Iyoob ol ka’ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du’ulle qullaa tiyya deebi’ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.
Fakkeenni Solomoonii
ka asii gad jiru:
ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
Qarummaan akkuma bacattuun gaddi bacataa deema; beekkumsi akkuma bacatuun laaleffatisille bacataa deema.
Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma’aa fi jabeenni bu’aa hin qaddu.
Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina’a.