Uma só carne
O conceito de 'uma só carne' é o fundamento bíblico do casamento. Desde a criação, Deus uniu homem e mulher em uma aliança indissolúvel de amor, compromisso e intimidade.
A instituição divina do casamento
Deus criou o homem e a mulher e os uniu em aliança. O casamento é obra de Deus, e o que Ele juntou não separe o ser humano.
Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,
foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te’an. Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;› ‹Waan kanaaf nami tokko abba’aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. Isaan lachuu tokko te’an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
O mistério da união
Paulo ensina que a união conjugal é um grande mistério que aponta para Cristo e a Igreja. A intimidade reflete a comunhão espiritual plena.
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa. Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.
Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te’an» jedha. Kun dhossaa guddo’o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde’a kiristaanaa dubbatiisatti jira. Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te’e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu’uu godhuu qabaa? Ijjumaa te’uu hin qabu! Nami dubartii sagaagaltitti’iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi’iitiin tokko akka te’e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te’an» jedha. Nami Gootta’atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te’a.
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle’een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha’a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina’a.
Fidelidade e alegria
A aliança conjugal exige fidelidade, respeito e dedicação mútua. A Bíblia celebra a alegria da intimidade dentro do casamento.
Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu’uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi’ii hanqafatta?
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a. Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Maarre, yoona soba lakkisa’a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti.