Vida
A vida é um dom precioso de Deus. Desde a concepção até a eternidade, as Escrituras revelam o propósito, o valor e a plenitude da vida que o Senhor nos oferece.
Deus, o autor da vida
O Senhor é quem dá a vida e a sustenta. Cada ser humano foi formado por suas mãos com propósito e intenção divina.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee, nama tolchee, hafuura jiru’uu funnaan isaatitti baafate; namille dada lubbuu qabaatee jiraatu te’e.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
Ati madda jiru’uu ti;
nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.
Ani bara jiruu tiyyaa mara
Mootii Waan Maraatiif hin faarsa;
ani haga jiru mara
Waaqa kiyya faaru’uun hin leellisa.
A vida em Cristo
Jesus é o caminho, a verdade e a vida. Nele encontramos sentido, plenitude e a promessa de vida abundante e eterna.
Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.
Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru’uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.
Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru’uu isa keessaa burqa› » jedhe.
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.
Vivendo com sabedoria
A Bíblia nos orienta a viver com sabedoria, aproveitando bem o tempo, guardando o coração e buscando a vontade de Deus para cada dia.
Qaroolee akka teenu,
barri jiruu teennaa
gabaabaa akka te’e akka beennu nu barsiisi.
Ilma kiyya caqasi;
barri le’ii teetii akka heddatu,
jecha kiyya fudhadhu.
Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,
waan mara caalaa
qalbii teeti eegadhu.
Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,
waan mara caalaa
qalbii teeti eegadhu.
Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata;
nami hubantii jaalatu hin qananooma.
Nami afaan ifii eegatu,
jiruu ifii eegata;
ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
Nami gorsa fudhatu karaa jiru’uu namatti mudhisa;
nami xixicha tuffatu ammoo
karaa irraa nama milissa.
Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru’uu ti;
tiyyoo du’aa irraa nama deebisa.
Nami balchumma’aa fi jaalala hordofu,
jiruu, balchumma’aa fi ulfinna hin dhaggata.
Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha’aa ilaalladha’a. Akka qaroole’ee malee, akka gowwoole’ee hin le’ina’a. Barri kun hamaa waan te’eef, yennaa dagu’uu maratti fayyadama’a.
A vida no dia a dia
Cada dia é uma oportunidade de glorificar a Deus. A Escritura nos chama a viver com propósito, confiança e fé prática.
Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti akka beeku na godhi;
daandii teeti na barsiisi.
Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,
dansummaan teetii fi
marartiin teeti na gula deeman;
bara le’ii tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa hin le’a.
Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande’an;
Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi
qooda kiyya ka bara baraa ti.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Ati rassaa kiyyaa fi kushee tiyya;
maqaa keetiif jedhii na sooressi;
naan duralle deemi.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef,
ani ijjumaa seera keeti hin dedhu.
Prioridades e eternidade
Jesus nos lembra que a vida é mais que comida e o corpo mais que roupa. O que importa é buscar o Reino de Deus e viver para a eternidade.
«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle ka dande’ee dabalatu jiraa?
Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
Achiin duuba Yesuus gumi’ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba’atee, na hordofuu ti. Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande’a? Nama dhaloota gaarayyeeffata’aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.
Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha’a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha’a» jedhe.
Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa.
Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna’aan malee, isa dhaggiisaanii moti.
Nama maraa woliin nageyaan le’a! Woyyumma’aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma’aan le’iisaaf jabaadha’a.
Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le’iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha’a. Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.
Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a. Sababille Goottaan dhaala ol-gubba’aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.
Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru’uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le’ii ifii dansa’aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.
Barreeffam Woyyichi,
«Nami jiruu barbaaduu fi
bara dansaa dhagguu fedhu,
arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa,
hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.
Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti.
Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille’e.
Wonni hafuura baafatu martinuu
Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!
Mootii Waan Maraa leellisa’a!
Waan maraaf yennaan jirti;
waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.
Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru’uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Barri jiruu teennaa woggaa torbaatama,
yoo bacatelle woggaa saddeettama;
woggooti sunuu
dadhabbi’ii fi rakkinna nutti fidan;
Isaan dafanee waan dabaranuuf,
nuuti koolaan kaanee dabarra.
«Mootii Waan Maraa kiyya, dhuma jiruu tiyyaa,
barri jiruu tiyyaa hagam akka te’e natti himi;
ani jiruun tiyya
attam ariifattee dabariisatti akka jirtu beekuu ti!» jedhe.
Ati bara jiruu tiyyaa taakkuu takkaa goote;
barri jiruu tiyyaa
si duratti woyitti hin laakkowamu.
Dhugumaan jiruu nama maraatuu
akka baafata hafuuraa tokkochaa ti.
Dhugumaan nami akka gaaddisaa ti.
Inni akkanumaan elowa;
karra tuulata; ammoo ka isii fudhatu hin beeku.
Ka jiruu jaalatu,
waan dansaa dhaggiisaafille
bara hedduu ka halchu eennu?
Arraba keeti waan hantuu irraa,
hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.
Waan hantuu irraa fagaadhuutii,
waan dansaa godhi;
nageya barbaadiitii,
gula deemi.
Arriin kallacha ulfinnaa ti;
isiin jiruu balchumma’aatiin dhagganti.
Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu,
yaadi namaalle eennummaa namaa mudhisa.