Vitória
A vitória do cristão não depende de suas próprias forças, mas do poder de Deus que opera em nós. As Escrituras declaram que somos mais que vencedores por meio daquele que nos amou.
A vitória vem de Deus
O Senhor luta por nós. Quando confiamos nele, nenhuma arma forjada contra nós prosperará e nenhum inimigo prevalecerá.
Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.
Waaqi Iyaasu'uun, «Ani injifachaa waan sii kenneeruuf isaan hin sodaatin; isaan keessaa nami tokkolle si dura dhaabbatuu hin dande'u» jedhe.
Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan;
ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne;
isaan hunna ifiitiin hin injifanne;
ati waan isaan jaalatteef,
harki keeti middichi, irreen teetii fi
ifi fuula keetii tana isaaniif kenne.
Ee Waaqa, ati mooticha kiyya;
kolbaa sanyii Yaaqoobiitiif injifachaa ka kennitu si'i.
Mais que vencedores
Em todas as circunstâncias, a fé nos dá a vitória. O mundo tenta nos derrubar, mas Cristo já venceu o mundo e nos faz triunfar.
Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.
Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e, wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a?
akkasuma,
«Du'a! Injifannaan teeti meet?
Du'a! Hunni ati namaan miitu meet?»
jedhu hin muummowa. Hunni ilkattii du'aa cubbu'u; hunni cubbu'uulle seera. Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu'uu kennuuf galanni te'u!
Força para a batalha
Deus nos reveste com sua armadura espiritual, nos fortalece e nos encoraja. Mesmo que o justo caia sete vezes, ele se levanta.
Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a.
Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a;
nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.
Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;
inni diinota keenna hin salphisa.
Kum tokko cinaa teetitti,
kum kudhan midda keetitti hin jigan;
ammoo si hin tuqanu.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.