27 Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta’aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta’aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta’aa waan salphiseef itti gaafatama. 28 Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba. 29 Eennulle foon Gootta’aa maan akka te’e adoo hin hubatin, foon Gootta’aa yoo nyaate, muduunuu Gootta’aalle yoo une yakkaamessa ifi godha11:29Yakkaamessa ifi godha: Yookiin muraa ifi irratti fida.
Publicidade