Kennansa Ayyaana Woyyichaa
1 Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada. 2 Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan. 3 Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatiin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, «Yesuus Gootta’a» ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada.
4 Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma. 5 Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma. 6 Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma. 7 Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu’aa nama duudi’iitiif kenname.