Jaalala Dhugicha
1 Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille’een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti. 2 Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde’ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.13:2 Mat. 17:20; 21:21; Mar. 11:23 3 Waan qabu mara hiyyeeyyi’iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf13:3Woraabbiin durii durii gariin, «Ifi jajiisaaf» jedhan dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
4 Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. 5 Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. 6 Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. 7 Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.