4 Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. 5 Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. 6 Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. 7 Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
8 Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; beekkumsalle yoo te’e, hin hafa.