Seera Waaqonfannaa Wolde’a Kiristaanaa
26 Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde’a kiristaanaa ijaariisaaf te’uu ti.