22 Nami marti akkuma Addaamiin du’u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata. 23 Tun tokko tokkoofuu badoo badoo’oonuu teeti; Kiristoos du’aa ka’ee angafa akkuma te’e, worri ka Kiristoosii te’anelle, yennaa inni dhufu du’aa hin ka’an. 24 Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba’atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti. 25 Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba.
Publicidade