54 Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du’u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, «Duuti injifacha’aan liqinfante»; 55 akkasuma,
«Du’a! Injifannaan teeti meet?
Du’a! Hunni ati namaan miitu meet?»
jedhu hin muummowa. 56 Hunni ilkattii du’aa cubbu’u; hunni cubbu’uulle seera. 57 Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!