11 Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru. 12 Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
13 Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole’eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti.