24 Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa’a. 25 Worri doggommo’oof qophowu mara leenjii jadduu leenji’a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. 26 Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu’uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. 27 Worra dhibi’iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi’iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.
Publicidade