12 Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa. 13 Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa. 14 Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
Biyya Lafaa Hin Jaalatina’a
15 Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina’a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba’aa isa keessa hin jirtu.