11 Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu’uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti.5:11 Yoh. 3:36 12 Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
Jiruu Bara Baraa
13 Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.