Woyyumma’aan Le’uu
13 Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa’a; worra ifi qabatu te’a’a; addii teessan guutuma guutu’utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha’a. 14 Akka ijoollee ajajantuu te’aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina’a. 15 Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te’e, isinille waan gootanu duudi’iin woyyuu te’a’a. 16 Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te’eef isinille woyyuu te’a’a» jedha.