12 Worri Yihudoota hin te’in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka’atti amala dansa’aan le’a’a.
13 Gootta’aaf jedha’aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf, 14 yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama’a.