Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 2

21 Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te’e. 22 Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. 23 Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. 24 Akka nuuti cubbu’uuf duunee balchumma’aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba’ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.

Veja também