20 Ayyaanoti mana hidha’aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi’ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa. 21 Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te’in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du’aa fi ka’a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa. 22 Kiristoos amma gara ol gubba’aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba’aatitti tee’eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran.
Publicidade
Publicidade