7 Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu’uu isi’iif beeka’aatii woliin le’a’a; ulfinna isaaniif kenna’a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru’uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te’aa hin jiraattu.