Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Ergaa Pheexroosii 5

2 Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te’in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa’a; bu’aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te’in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te’uu ti. 3 Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te’iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te’in. 4 Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan.

5 Akkasuma isin dargaggooti jaarsole’eef ajajama’a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya’aa uffadha’aatii wol tajaajila’a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também