Eliyaas Oolaan Akka Dhufaaru Hime
1 Eliyaas ka biyya Giil’aadii keessa Tishibee keessa le’u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa’elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe.