Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Reis 18

Barri Oola’aa Hobba’e

41 Achiin duuba Eliyaas mooticha Ahaabiin, «Gikkeessi bokkeya hama’aa waan jiruuf, ol bayiitii nyaadhu; unille’e» jedhe. 42 Maarre Ahaab nyaatee uniisaaf ol baye; Eliyaas ammoo gara qaccee gaara Qarmelosii ol bayee, jilba ifii lamaan wodhakka’atti gara lafaa gad jedhe. 43 Inni tajaajilaa ifiitiin, «Dhaqiitii gara fuullee abbaaya’aa ilaali!» jedhe.

Tajaajilaan isaalle dhaqee ilaalee, «Wonni tokkolle achi hin jiru» jedhe. Achiin duuba Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Yennaa torba ammalle deebi’ii dhaqi» jedheen. 44 Tajaajilaan isaa yennaa torbeesso’ootitti, «Duumensi diqqaan harka namaa hin caalle, abbaayaa irraa ol ka’uun dhagge» jedhe.

Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Gara Ahaabii mootichaa dhaqiitii, Adoo bokkeenni si hin kutin, garreettaa keeti ka fardaan harkifamu irra tee’iitii gara mana keeti gad bu’ijedhii itti himi» jedhee ajaje.

45 Yennuma san gubbaan duumensaan gurraachotte, bubbeen bubbittee, bokkeenni hamaan bu’e. Mootichi Ahaabille garreettaa fardaan harkifamu irra tee’ee gara Yizre’elii deeme.

Veja também