Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Moototaa 19:1-8

Eliyaas Gara Gaara Siina’aa Baqate

1 Mootichi Ahaab waan Eliyaas godhe mara, raagota Ba’aalii maralle attam akka inni shallaaga’aan ijjeese, haadha manaa ifii Iizaabelitti hime. 2 Maarre Iizaabel gara Eliyaasii nama ergitee, «Akkuma ati raagota Ba’aalii ijjeette, boru yennaa tanatti yoo ani si hin ijjeesin, waaqoti na ijjeesanuu ti!» jette. 3 Eliyaas sodaatee lubbuu ifii hamburatiisaaf baqate; inni biyya Yihuda’aa keessa Bersheebaa yennaa geye, tajaajiltoota ifii achitti lakkisee, 4 guyyaa tokko guutuu goomolee keessa deemeen duuba, gaaddisa muka ittachaa jala tee’ee, «Ani abbootii tiyya ta durii waan hin caalleef, amma na hin geettii, Waaqa kiyya na ijjeesi!» jedhee daadimate.

5 Achiin duuba inni muka ittachaa san jala irkatee adoo rafee jiruu, ergamaan Waaqaa tokko isa tuqee, «Ka’iitii, nyaadhu» jedhe. 6 Eliyaas dammaqee adaala ifii yennaa ilaale, bixee daabbo’oo ta dhakaa o’u irratti bilchaattee fi okkotee bisaanii takka mataa ifii duratti dhagge. Inni nyaatee uneen duuba deebi’ee rafe. 7 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammalle deebi’ee dhufee, isa tuqee, «Karaa fagoo waan deentuuf, ka’iitii nyaadhu!» jedheen. 8 Maarre Eliyaas ka’ee, nyaatee une; hunna sagalee saniitiin, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama haga Siinaa gaara Waaqaa deeme.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.