10 Eliyaas deebisee, «Israa’elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si’iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga’aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande’uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe.