Qarummaa Solomoonii
29 Waaqi qarumma’aa fi hubantii guddoo, yaada badhaa ka akka maansa qarqara abbaaya’aa ka laakkowanee hin dandeennee Solomooniif kenne. 30 Qarummaan Solomoonii qarummaa namoota gara aduun baatuutii fi qarummaa worra Gibxi’ii mara caalti. 31 Inni namoota qaroolee akka Etaanii Ezraahicha, ilmaan Maaholii Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa caalaa qaro’o; gurri isaalle biyya gosa adda addaa ta adaala isaa jirtu mara keessatti beekkame. 32 Solomoon mammaassa kuma sad mammaake; faaruun isaalle kuma tokkoo fi shan.