13 Mootichi Solomoon lafa Israa’elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file. 14 Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado’oon, ji’a tokko Libaanon keessa, ji’a lama mana ifii akka turanu godhe. 15 Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba’aa ba’atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu. 16 Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu.