1 Achiin duuba mootichi Solomoon Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii Xiyoon keessaa akka fidanuuf, jaarsolee Israa’elii, sooressitoota gosa Israa’elii maraa fi qondaaltota fira Israa’elii Yerusaalemitti gara ifii waansise. 2 Namooti Israa’elii marti, yennaa jilti gose’ee jilifantu, ji’a torbeesso’oo, ka «Etaaniim» jedhamutti, mooticha Solomoon duratti wolitti qabamane. 3 Yennaa jaarsoleen Israa’elii duudiin wolitti qabamane, hayyooti Saanduqa Gondooro’oo san ba’atanee, 4 Galma Mootii Waan Maraatitti galchite; akkasuma Lewwootii fi hayyooti Dunkaanii Woldeenna’aatii fi meya dunkaanii keessa jiru mara fidanee, Galma Waaqaa keessa galchane. 5 Mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa’elii duudiin, Saanduqa Gondooro’oo duratti wolitti qabamanee, hoole’ee fi loon bacaa barreeffamiisa yookiin laakkowamiisa hin dandeenne, ciincaa dhikeessane. 6 Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro’oo san Galma Waaqaa keessa galchitee, addee isi’iif qophoottetti, Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaa, koola dada ol-gubba’aa ta koola qaddu jala keyane. 7 Dadi ol-gubba’aa sun addee Saanduqa Gondooro’oo san gubba’atti koola ifii badhifatanee, Saanduqa Gondooro’ootii fi danqaraa Saanduqa Gondooro’oo san ittiin ba’atanu gollaneeran. 8 Danqaraan sun dhedheeraa waan te’eef, qacceen isaa nama Galma Mootii Waan Maraa keessa addee woyyittii jiru maratti hin mudhata; nama addee woyyitti’iin ala jirutti ammoo hin mudhatu; danqaraan sun haga adhaa achuma jira. 9 Kolbaan Israa’elii biyya Gibxi’ii keessaa baateen duuba, yennaa Mootiin Waan Maraa isaan woliin gondooroo gondoore, dhakaa baxxicha lama ka ajaji kudhan irratti barreeffame, ka Muuseen gaara Siina’aa gubba’atti saanduqa keessa keye malee, wonni dhibiin saanduqa san keessa hin jirtu.
10 Yennaa hayyooti addee woyyittii san keessaa gad baate, duumensi Galma Mootii Waan Maraa keessa guute. 11 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa keessa waan guuteef, hayyooti sababa duumensaatiif tajaajiliisa hin dandeenne.