10 Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte. 11 Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si’iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte.
15 Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo’o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni’ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira.
17 Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa’elii waan ati isa gaafatte si’iif kennuu ti» jedheen.
20 Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu’el baafatte.