Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Samuel 1

10 Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte. 11 Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si’iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte.

12 Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi’ii ilaale. 13 Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi’ii hin tachooti malee qoonqoon isi’ii hin dhage’anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye. 14 Inni isi’iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni’ii tana ifi irraa fageessi» jedhe.

15 Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo’o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni’ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira. 16 Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen.

17 Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa’elii waan ati isa gaafatte si’iif kennuu ti» jedheen.

18 Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte.

Dhalatiisa Saamu’eliitii Fi Waaqaaf Kennamiisa Isaa

19 Isaan barii ganama ka’anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama’atti deebi’ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate. 20 Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu’el baafatte.

Veja também