Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamu'elii 1

22 Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu’een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le’a» jette.

23 Abbaan manaa isi’ii Elqaanaan deebisee isi’iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu’u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi’ii harma irraa gu’utti, hoosifataa mana turte.

24 Inni yennaa harma irraa gu’e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni’ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa’ima diqqa’a.

Veja também