4 Nami qachaa Gaatiitii dhufe tokko ka hojjaan isaa ciqilee jaa fi taakku’uu, ka jannuma’aan beekkame Goliyaad quttuma Filisxeemotaa keessaa bayee dhufe.
33 Saa’olille deebisee Daawitiin, «Ati ijoolle’e; inni garuu dargaggummaa ifiitiin jalqabee lola waan barateeruuf, Filisxeemicha kana woliin wol loliisaaf hin dandeettu» jedheen.
37 Mootiin Waan Maraa ka kottee neenqaatii fi kottee doobba’aa jalaa na baase sun harka Filisxeemichaa jalalle’ee na hin baasa» jedhe.
Saa’olille Daawitiin, «Dhaqi, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti,» jedhe. 40 Achiin duuba ulee ifii fudhatee, dhakaa qunqumhicha shan laga keessaa filee korojoo ifiititti naqateen duuba, looyyaa17:40 Looyyaa: Lafa tokko tokkotti yanbarsajedhama. harkatti qabatee Filisxeemichatti dhikaate.
45 Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo’oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa’elii ka ati arrassituun sitti dhufa.
49 Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya’aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe.