Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Samuel 17

45 Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo’oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa’elii ka ati arrassituun sitti dhufa. 46 Biyyi lafaa marti Israa’el keessa Waaqi akka jiru akka beettuuf, adha Mootiin Waan Maraa harka kiyyatti dabarsee si hin kenna. Ani dhowee si jissee mataa keeti si irraa hin kuta; guyyaa adhaa reeffa loltoota Filisxeemotaa allaatotaa fi bineensotaafille hin kenna. 47 Worri asitti wolitti qabame marti Mootiin Waan Maraa shallaaga’aan yookiin ebo’oon akka nama hin baanne hin beekan; lolli ka Mootii Waan Maraa waan te’eef, isin mara harka keennatti dabarsee hin kenna» jedhe.

Veja também