Yonaataanii Fi Daawiti jaala Wolii Te’ane
1 Daawiti akkuma Saa’ol woliin dubbatee fixateen, Yonaataan Daawiti woliin jaalomee, akka lubbuu ifii isa jaalate. 2 Guyyaa saniin jalqabee, Saa’ol isa fudhate; akka Daawiti gara mana abbaa ifii deebi’u isa hin lakkinne. 3 Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate.