11 Saa’ol mana Daawitii marsanee ganama akka isa ijjeesanuuf namoota erge; haati manaa ta Daawitii Mikaal ammoo, «Lubbuu teeti hamburatiisaaf edana yoo hin baqatin, boru hin ijjeefanta» jettee itti hinte. 12 Maarre Mikaal karaa fodda’aatiin Daawiti gad buuttee, innille baqatee miliqe. 13 Achiin duuba Mikaal fakkii waaqa dharaa fuutee taqee irra irkittee, mataa duraan boraatii rifeensa re’e’ee boraafachiittee woyaa itti uffitte. 14 Daawiti akka qabanuuf Saa’ol namoota yennaa erge, Mikaal, «Inni dhibameera» jette. 15 Achiin duuba Saa’ol namooti dhaqanee akka Daawiti ilaalanuuf ergeen, «Ani isa akka ijjeesuuf taqee isaa woliin isa gara kiyya fida’a» jedhe. 16 Namooti ergamane sun mana yennaa seenane, fakkiin waaqa dharaa taqee irra irkattee, boraatii rifeensa re’e’ee boraafatteertiiyyu. 17 Saa’ol Mikaaliin, «Ati maaf na soddee diinni kiyya miliqee akka deemu goote?» jedhe.
Mikaalille, «Isattuu, ‹Yoo ati akka ani miliqu na hin qarqaarin ani si ijjeesa› naan jedhe» jettee deebitte.
18 Daawiti baqatee bayee Saamu’el bira gara Raama’aa dhaqee waan Saa’ol isa irratti huje mara isatti hime. Achiin duuba Saamu’elii fi Daawiti Naayot dhaqanee achi le’ane.