Daadimata Haanna’aa
1 Haannaan daadimattee,
«Gadhaan kiyya
Mootii Waan Maraatitti hin gammada;
jabeenni kiyya
Mootii Waan Maraatiin ol ol jedheera.
Inni waan na qarqaareef
ani diinota kiyya irratti hin kolla.
2 «Ka akka Mootii Waan Maraa
Woyyichi tokkolle hin jiru;
ka akka isaa tokkolle hin jiru;
rassaan akka Waaqa keennaa
tokkolle hin jiru.
3 Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa
nama mara madaalu waan te’eef
hin koorina’a!
Ifi jajiisaan hin dubbatina’a!
4 Guubeen2:4 Guubeen: Lafa tokko tokkotti Buubeejedhama. worra jajjabaa caccabeera;
worri dadhabaan ammoo jabaateera.
5 Worri qara quufee le’u
sagalee diqqo’oof qaxarame.
Worri qara beelaan le’u ammoo
amma quufeera.
Maseentittiin torba deetteerti;
ta ijoollee bacaa qaddu ammoo dadhaddeerti.
6 Mootiin Waan Maraa ijjeesee hin kaasa;
addee worri du’e jiru gad buusee hin baasa.
7 Mootiin Waan Maraa hin hiyyoonsa;
hin duroonsalle’e.
Inni gad hin qaba; olille hin qaba.
8 Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa;
rakkataalle tuulaa daadha’aa irraa ol hin kaasa.
Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa;
barcumaa mootumma’aa ka ulfinnaalle
isaaniif hin kenna.
Sababille utubooti biyya lafaa
ka Mootii Waan Maraa ti;
inni biyya lafaa isaan irratti dade.
9 Nami jabeenna ifiitiin waan hin injifanneef,
Mootiin Waan Maraa
ideensa worra isaaf addatamee hin eega;
hamaaleyyiin ammoo
dukkana keessatti hin badan.
10 Worri Mootii Waan Maraa mormu
hin caccaban;
inni isaan loliisaaf
ol gubbaa irraa hin balaqqisa.
Mootiin Waan Maraa
biyya lafaa mara irratti
muraa hin kenna;
inni nama ifii mootii godheef
jabeenna hin kenna;
nama ifii muudelle’eef
ulfinna hin kenna» jette.