41 Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka’ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe. 42 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si’ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka’atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka’ee deemee, Yonaataanille gara qacha’aa deebi’e.