Daawiti Gara Gaatii Baqate
10 Daawiti gaafuma san Saa’ol duraa baqatee, gara mootii Gaatii gara Akiishii dhaqe. 11 Tajaajiltooti Akiishii ammoo isaan, «Mootiin biyyaa Daawiti isa kanaa motii? Ka worri sirbu, ‹Saa’ol kuma hedduu ijjeese; Daawiti ammoo kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhanee sirbaneef isa kanaa motii?» jedhane.
12 Daawitille dubbii tana gadha’atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate. 13 Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te’e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te’e. 14 Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata’a; maaf gara kiyya fiddanne? 15 Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe.