32 Daawitille Abigaayiliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa’elii ka adha gara kiyya si erge leellifamuu ti! 33 Akka ani dhiiga hin dhangalaannee fi harka kiyyaan akka ani haluu hin baane ka na eege yaad keeti dansaan sun eebbifamuu ti; atille eebbifami.