Publicidade

1 Samuel 4

2 Filisxeemoti Israa’eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa’eloota injifatanee, lola san keessa Israa’elooti kum afur ijjeefamane. 3 Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi’ane, jaarsoleen Israa’elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa’a dhandhee Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane. 4 Maarre kolbaan namoota gara Shiilo’oo ergitee, Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma’aa irra odduu dada ol-gubbaaa ta koola qaddu lamaanii tee’eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli’ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu.

5 Saanduqi Gondooro’oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa’elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane. 6 Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage’ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage’antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane, 7 Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne’e nu’uuf! 8 Aanne’e nu’uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande’a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi’ii goomolee keessatti dhowane. 9 Ee Filisxeemota! Jabaadha’a! Dhiira te’aa! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te’e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te’aaatii lola’a!» woliin jedhane.

10 Maarre Filisxeemoti lolane; Israa’elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa’eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane. 11 Saanduqi Gondooro’oo ka Waaqaa booji’amee, ilmaan Eli’ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-