10 Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa’oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane. 11 Isaan Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane. 12 Sa’ooleen sunille karaa irraa bita’aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane.
13 Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane. 14 Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu’uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le’uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa’oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 15 Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi’ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane.