1 Namooti qachaa Kiriiyat-Ya’ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele’azaar woyyoonsane.
Saamu’el Israa’el Irratti Abbaa Mura’aa te’e
2 Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya’ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa’elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.