Barsiisa Sobaa Irraa Ifi Eeggachiisuu
3 Yennaa gara Maqedooniya’aa dhaqu’uuf ka’e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha. 4 Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti’ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna’aan hujantuuf ta teetuu moti.